Dargaggoonni Miidiyaa Hawaasaa Irratti Yeroo Balleessan Qusachuun Hojiif Oolchuu qabu – Muummee Ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad

90

Finfinnee mudde 3/2012 /TOI/ Dargaggoonni biyyaa isaanii hiyyummaa keessaa baasuuf yeroo miidiyaa Hawaasaa irratti balleessan qusachuun hojiif oolchUu qabu jechuun muummeen ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad waamicha dhiyeessan.

Masaraa mootummaatti sagantaan gammachuu ibsanaa Badhaafamuu Noobelii muummee ministiraa ilaalchisuun adeemsifameera.

Muummeen ministiraas wayituma kana akka jedhanitti sirna badhaasaatii wayita deebi'an simanaa isaaniif taasifameef galateeffataniiru.

Prezdaantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqii fi ummata Itiyoophiyaa hundaa galateeffataniiru.

Muummeen ministiraa dubbii isaaniin akka jedhanitti "ummatni Itiyoophiyaa hundi dhifama waliif taasifne, harkaa wal qabachuun gara fuula duraatti imaluu qabna" jedhaniiru.

"Turtii keenya Osloo fi Istookoolmittis Itiyoophiyaan biyya guddoo ta'uu ishee hubannee jirra "jechuun lammiilee biyya alaa jiranis galateeffataniiru.

Gara fuula duraatti wantoota nuuf hin malle dhiifnee, waan gaarii qofa hojjechuun ijaarsa biyyaa irratti ga'ee keenya ba'aachuu qabnas jechuun ibsaniiru.

Keesumattuu Dargaggoonni biyya isaanii hiyyummaa keessaa baasuuf yeroo miidiyaa Hawaasaa irratti balleessan qusachuun hojiif oolchuu qabus jedhaniiru. 

Hiyyummaa fi kadhaa keessaa akka banuu fi gara Badhaadhinaatti akka ceenuuf ummata gaanfaa Afriikaa hunda waliin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu qabnas jedhaniiru muummeen ministiraa.

Jijjirama amma Itiyoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru kana galmaan ga'uuf ummatni jaalalaan, Tokkummaan fi walii yaaduun akkasumas wallitti dhufeenya cimaa qabachuun hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015