Magaalaa Finfinneetti Rakkooleen Shaqaxa Bu'uraa Irra Jiran Akka Furamuuf Gaafatame

68

Finfinnee Mudde 3/2012 /TOI/ Rakkooleen shaqaxoota bu'uraa rabsuu, dhiyyeessuu fi kanneen biroo irra jiran akka furamaniif jiraatoonni magaalaa Finfinnee biiroo Daldalaa fi Industirii magaalichaa  gaafatan.     

Biirochis rakkoo kana furuuf karooraa kiraa sassaabdummaa 16 qopheessuun hojiitti kan gale ta'u beeksiseera. 

Biiroon Daldaalaa fi Industirii magaalaa Finfinnee raawwii hojii bara 2012 kan ji'a 3ffaa qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin mari'atee jira.

Yeroo gabaabaa asitti shaqaxootni bu'uraa mootummaan dhiyaatan kan akka Zayitii, Shukaaraa, daakuu Qamadii fi kanneen biroo waldaaleen akka raabsaniif itti gaafatamummaan kennamee jira.

Hirmaatonni marii kanaa akka jedhanittis rakkooleen shaqaxoota bu'uraa irratti muldhachaa jiran akka furamaniif gaafataniiru.

Dabaltaanis hirmaatoonni kun akka jedhaniitti waldaaleen itti gaaffatamummaan itti laatame fi dirqamaa isaani dagachuun faayidaa dhunfaa isaani qofa irratti hojjecha jiran ta'u dubbataniiru.

Kana irraan kan ka'ees qaala'iinsi jireenyaa kan umaamaa jiru ta'u ibsaniiru.

Biiroo Daldalaa fi Industirii magaalaa Finfinnee gama isaan rakkoo kan furuuf hojjechan jira jedheera.

Daayrektarri karooraa fi qorannoo Biirichaa obbo Faantaahun Iyaayuu gama isaan rakkoo kana furuuf karooraa kiraa sasaabdummaa 16 qopheessun hojiitti kan galan ta'u beeksisaniiru.    

Karoori kunis rakkoolee shaqaxoota bu'uraa irra jiran kan furuu ta'u dha kan himan.

Biiroon Daldalaa fi Industirii magaalaa Finfinnee bara 2012 ji'a Adooleessa hamma ji'a fulbaanaatti Zayitaa Paalmi litirii miiliyoona 21 rabsuuf karoorfatee litirii miiliyoona 19 kan rabse ta'u ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015