Kilabiin Kubbaa Miilaa Sabbataa Warshaa Biiraa Meettaa waliin Walii Galtee Ispoonsarshiip Birrii Miiliyoona 18 Tuqaa 5n Mallatteesse

61

Mudde   3/2012 (TOI) – Kilabiin Kubbaa miilaa Sabbataa warshaa biiraa Meettaa waliin waggaa afuriif kan turu walii galtee ispoonsarshiippii birrii miiliyoona 18 tuqaa 5 mallatteesse.

Walii galten kilabichaa fi warshicha jidduutti taasifame birrii miiliyoona 14 tuqaa 5 fi meeshaa Ispoortii birrii miiliyoona 4tti tilmaamamu kan of keessaa qabudha.

Kilabiin kubbaa miilaa Sabbataa maaliyaa isaarratti maqaa Biiraa Meettaa maxxansuudhaan kan beeksisu ta’uu walii galticharratti eerameera.

Akkasumas akkaataa seerri biyyattii eeyyamuun fuulduratti filannoowwan biroo fayyadamuudhaan oomishaalee warshichaa beeksisuuf karoorri akka jiru ibsameera.

Bara bajataa kanatti warshichi kilabiin kubbaa miilaa Sabbataa Istaadiyoomii ijaarsisaa jiruuf kan oolu birrii miiliyoona 3 tuqaa 5 ni kenna.

Bara 2013 Kiilabichaaf birrii miiliyoona sadii kilabichaaf kan kafalamu yoo ta’u, bara 2014 fi 2015 birriin miiliyoona saddet akka kafalamu waliigaltee kanarratti eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015