Haleellaa buufata loltootaa Niijeer irratti raawwateen loltoonni 73 Ajjeefaman

72

Mudde 2/2012 /TOI/ Haleellaa buufata loltootaa Niijeer irratti raawwateen loltoonni 73 Ajjeefamuu ibisame.

Haleellaa hidhattootaan raawwatame kanaan loltoonni 12 biroo madaa'aniiru jedhe humni waraanaa biyyattii.

Gareen haleellaa kana raawwate amma yoonaa eenyu akka ta'e hin himamne. Haa ta'u malee hidhattoota al-Qaayidaa waliin hariiroo qaban ta'uu akka hin oolle shakkama.

Sochiin al-Qaayidaa biyyattii keessatti taasisu dabalaa jira jedhu xinxaltoonni dhimma nageenyaa.

Wayita haleellaan kun raawwatetti "shororkeessitooti hedduun ajjeefamaniiru" jechuun Ministirri Ittisaa Niijeer Isoofuu Kataambee BBC'tti himeera.

Bara 2017 loltooti Ameerikaa afuriifi kan Niijeer shan hidhattootaan iddoo Toongoo jedhamutti ajjeefamanii turan jechun BBCn gabaaseera.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015