Muummeen Ministraa Dooktar Abiyyi noobeelii badhaafamuu isaanitiin magaalaa Jimmaatti sirni gammachuu ibsuu gaggeeffame

58

Finfinnee Muddee 2/2012 (TOI) Muummee ministiraa Dooktar Abiyyi Ahimad noobeelii badhaafamuu isaanitiin magaalaa Jimmaatti sirni gammachuu ibsu gaggeeffame.  

Dooktar Abiy Ahimad looreetii noobeelii nageenyaa addunyaa ta'uun badhaafamuu isaanitiin, jiraattonni magaalichaa gammachuu isaanii qophiilee adda addaatin ibsataniiru.

Agarsiisa maarch baandii fi bunni daffuun affeerraa taasifameen gammachuu isaanii ibsataniiru.

Sirnicharrattis hoggansi magaalaa Jimmaa fi godina Jimmaa, miseensonni raayyaa ittisa biyyaa fi jiraattonni magaalittii fi naannawa ishee argamaniiru.

Hirmaattonni sirnichaa badhaasni argame tokkummaa, waliin jireenyaa fi jaalala kan cimsu ta'uu ibsaniiru.

Kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Makkiyuu Mahaammadii fi bulchaan bulchiinsa godina Jimmaa obbo Abdulhakiim Muluun argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015