Dhaabbanni Mit-Mootummaa Human Bridge Hospitaala Riferaalaa Yuniversiitii Amboof Deeggarsa Meeshaalee Yaalaa Qarshii Miiliyoona 7 Olitti Tilmaamamu Gumaache

133

Ambo Mudde 1/2012 (TOI) - Dhaabbanni Mit-Mootummaa human bridge Hospitaala Riferaalaa Yuniversitii Amboof Deeggarsa Meeshaalee Yaalaa Dhukkubsattootaaf oolu Qarshii Miiliyoona 7 Olitti Tilmaamamu Gumaache.   

Daarektarri Hospitaala Riferaalaa Yuniversiitii Amboo Doktar Guddataa Imaanaa Deeggarsi kun biyya Swiidiin irraa kan dhufe ta’uu fi tajaajila saffisaa fi qulqulluu hawaasaa keenyaaf kennuuf kan tajajjilu jedhan.

Deeggarsi argames siree ciisichaa ammayyaa’aa fi meeshaalee yaalaa teeknooloojiin deeggarame garagaraa qarshii Miiliyoona 7 ol baasuu ta’uus himaniiru.

Doktar Guddataan Hospitaallichi hospitaala sadarkaasaa eeggatee ummata Lixa Oromiyaa keessa jiran tajaajiluuf ijaarsa dabalatee hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Doktar Abdurqaadir Galgaloo Itti Aanaan Biiroo Fayya Oromiyaa tajaajila yaalaa naannoo Oromiyaatti ammayyeessuuf meeshaalee yaalaa teknoloojiin deeggaraman dhaabbilee fayyaa keessatti guutuun murteessaa ta’uu  ibsaniiru.

Hospitaala kanaf X-Ray Ilkaaniis ni kennina; Lixa Oromiyaaf Hospitaala Riferaalaa akka ta’uuf ni hojjenna jedhaniiru.

Obbo Addaamuu Alleliny hogganaa dhaabbata HUMAN BRIDGE Itiyoophiyaa kan ta’an biyya seenaa qabeettii Amboof deeggarsa yaalaa kana fiduuf hedduun gammadaa jedhan.

Hojiilee misoomaa biyyattii hunda keessatti ni hirmaanna, Hospitaalota naannoo Amboo jiran hundaaf deeggarsa meeshaalee yaalaa ni taasifnaa jedhaniiru.

Doktar Taaddasee Qaana’aa prezidaantiin Yunivarsitii Amboo deeggarsa dhaabbatichi taasise galateeffachuun, sochiin waggoota lama keessatti taasisaa jirru tajaajila fayyaa hawaasa keenyaaf hedduu murteessaadha jedhan.

Babal’ina Hospitaalichaafis qarshii Biiliyoona 1 tuqaa 7 oliin ijaaraa jiraachuus himaniiru.  

Daabbanni Mit-Mootummaa Human Bridge Hospitaalota godina Shawaa Lixaa jala jiraniif deeggarsa meeshaalee yaalaa taasisuuf walii galtee mallatteeseera.

Akka ragaa komunikeeshinii Godina Shawaa Lixaa irraa arganne ibsutti, waliigaltee kana kan mallatteessan Doktar Abdurqaadir Galgaloo Itti aanaa Biiroo Fayya Oromiyaa, Doktar Taaddasee Qaana’aa prezidantiin Yunivarsiitii Amboo fi Obbo Addaamuu Alleliny hogganaa dhaabbata HUMAN BRIDGE Itiyoophiyaa waliin yuniversitii Ambootti walii galteen mallatteesaniiru.  

Meeshaaleen kunis kontiineraan:-

1. Hospitaala Riferaalaa Yuniversitii Amboof 2
2. Hositaala Walii Galaa Amboof 2
3. Hospitaala Gindabaratiif 2
4. Hosptaala Baakkoof 1
5. Hospitaala Gudariif 1
6. Hospitaala Incinniif 1
7. Hospitaala Geedoof 1

Deeggarsa meeshaalee yaalaa taasisuu kun bara faranjootaa 2020 tti hospitaalota kanneen kan dhaqqabu ta’uu Obbo Addaamuun himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015