Itti Gaafatamtoonni Mootummaa Jiddu Galeessa Obzarvaatorii Inxooxxoo Daawataa Jiru

71

Mudde 01/2012 (TOI)- Itti gaafatamtoonni mootummaa olaanoon Jiddugaleessa Obzarvaatorii Inxooxxoo daawwachuurratti argamu.

Af yaa’iin mana mare bakka bu’oota ummataa obbo Taaggasee Caafoo fi walitti qabdoonni koreewwan dhaabbii, ministirri tiraanispoortii adde Daagimaawiit Mogos, ministirri Innoveeshinii fi teeknooloojii Injiinar Geetaahuun Makuriyaa, da’eetaan ministiraa dhimma alaa adde Burtukaan Ayyaanoo dabalatee itti gaafatamtoonni kanneen biro daawannaa taasisaa jiru.

Ministirri Innoveeshinii fi teeknooloojii Injiinar Geetaahuun Makuriyaa saatalaayitii yeroo dhihoo gara hawaatti ergamtuu fi buufata to’annoo Inxooxxootti argamuu ilaalchisuun waan jiru ibsa kennaniiru.

Itiyoophiyaan Mudde 10/2012 ganama keessaa sa’aatii 12:22 tti yeroo jalqabaaf saatalaayitii gara hawaatti ergiti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015