Boru Finfinneetti Doktar Abiyyiif Simannaan Ni Taasifama

49


Finfinnee Mudde 01/2012 /TOI/ - Noobeelii Nageenyaa 2019 kan badhaafaman Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiif boru Finfinneetti simannaan ni taasifamaaf.

Doktar Abiyyi Ahimad kaleessa Noorweey Oslootti argamuun badhaasa Noobeelii Nageenyaa fudhachuun isaanii ni yaadatama.

Kantiibaan Ittaanaa Magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan fuula feesbuukiisaaniirratti akka himanitti, Ministira Muummee Doktar Abiyyiif boru simannaan ni taasifama.

Simannichas Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee fi Waajjirri Muummee Ministiraatu qopheessaniiru.

Simannichi boru ganama Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetii kaasee amma Masaraa Mootummaatti gaggeeffama.  

Hogganaan Ittaanaa Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Dheeressaa Tarrafaans simannichaaf qophiin taasifamuu beeksisaniiru. 

Jiraattonni magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee simannicharratti akka hirmaatan waamichi dhiyaatera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015