Ruwaandaan Duula Talaallii Iboolaa Jalqabuushee Beeksifte

55

Sadaasa 29/2012 (TOI) – Ruwaandaan duula talaallii Iboolaa kan jalqabaa eegaluushee beeksifteetti.

‘BBC’n akka gabaasetti waggaa dhufu dhiheenya daangaa dimokiraatiik rippaabiliikii Koongootti kan argaman namoota 200 ta’aniif talaalliin akka kennamu ministirri eegumsa Fayyaa Ruwaandaa Daanee Gaashumbaa dubbataniiru.

Duula talaallii Iboolaa kanaan hojjettoota eegumsa fayyaa, anga’oota Immigireesshinii, poolisootaa fi qaamota daldaltoota biyya alaa bahaniif dursi akka kennamu odeeffannoo kanaan eerameera.

Amma ammaatti Ruwaandaa keessa weerarri Iboolaa jiraachuusaa mirkaneessuun yoo hindanda’amnellee yaaliin talaallii itti fufiinsa akka qabaatu anga’oonni biyyattii abdii qaban ibsaniiru.

Baatii Hagayyaa darberraa kaasee weerarri Iboolaa rippabiliika demekiraatawaa Koongootti waan mul’ateef lubbuun namoota kuma 2 fi 200 ol darbuusaa gabaasni kun eereera.

Tlaalliin kun baatii darbe yeroo jalqabaaf rippaabiliika dimokiraatawaa Koongoo bahaatti kan argamtu magaalaa Goomaatti faayidaarra ooluunsaa ibsameera.

Dawaaleen dhaabbata dawaa Ameerikaatiin hojjetaman lama lammiilee Koongoo nuusa miiliyoonaa ta’aniif bifa talaalliitiin akka kennameef gabaafameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015