Kabajamuun Ayyaana Sabaa Fi Sab-lammootaa Tokkummaa Ummataa Cimsuu Keessatti Ga'een Inni Qabu Guddaadha – Hirmaatoota

146

Finfinnee Sadaasa 29/2012 /TOI/ - Kabajamuun Ayyaana Sabaa fi Sab-lammootaa tokkummaa ummataa cimsuu keessatti ga'een inni qabu guddaadha jedhan hirmaattonni Ayyaana kanaa yaada isaanii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf kennan.

Guyyaan Sabootaa, Sab-lammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 14ffaa Qopheessummaa Naannoo Oromiyaatiin magaalaa Finfinneeetti kabajameera. 

Ayyaani kunis mata duree "Heerri Mootummaa Federaalaa Nageenya Waaraaf " jedhuun kabajamee jira.   

Naannoo Oromiyaa Godina Arsii Lixaa irraa ayyana kana kabajuuf kan dhufe Badhaasoo Buttaa akka jedhetti kabajamuun ayyaana kanaa Sabaa fi Sab-lammoonnii akkaataa heera mootummaan ofiin of bulchaa akka jiran kan ibsudha jedheera.  

Ayyaana kana sabaa fi sab-lammoonni biyyattii hundi iddoo tokkotti walitti qabamanii kabajuun isaanii tokkummaa isaanii akka cimsataniif ni gargaara jedheera.

Dabalataanis "Aadaa naannoon tokko qabu naannoo biraaf akka qooduu fi wantoota garaagaraa kan itti wal jijjiranii dha " jechuun himaniiru.  

Naannoo Oomoo Kibbaa Lixaa irraa ayyaana kana kabajuuf magaalaa Finfinnee akka dhufan kan himan obbo Baarroolaa Boorraachee ayyaanni kun sabaa fi sablammoota biyya keenya keessa jiran waliin akka wal baruu fi aadaa akka wal jijjiiruu nu taasisee jira jedhaniiru.

"kabajamuun ayyaana kanaa Tokkummaa ummataa cimsuu fi walitti dhufeenya sabaa fi sablammootaa daggaagsuu keessatti ga'een inni qabu guddaadhas"  jechuun Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru.  

Saboonni Sablammoonnii fi ummattoonni Naannolee hundarraa dhufan Uffata aadaan faayamanii Aadaa fi sirbootaan Ayyaanicha midhaksanii oolaniiru.  

Sirna kabaja ayyaana sabaa fi sablammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyaa 14ffaa kana irratti af yaa'iin Mana Maree Federeeshinii Keeriyaa Ibraahiim, prezidaantiin RFDI Saahilawarq Zawdee, itti aanaan muummee ministiraa RFDI obbo Dammaqaa Makoonnan, preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa RFDI Ma'aazaa Ashannaafii, af’yaa’iiwwan manneen maree naannolee, aanga’oonni mootummaa olaanoon, abbootiin Gadaa, hoggantoonni amantii fi bakka buutonni sabaa fi sablamootaa argamaniiru.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015