Itiyoophiyaan Gamtaa Awurooppaarraa Deeggarsa Yuuroo Miiliyoona 170 Argatte

79

Sadaasa 27/2012(TOI) – Itiyoophiyaan damee fayyaa, carraa hojii uumuu, Invastimantii fi kanneen biroo irratti hojii hojjettuuf gamtaan Awurooppaa irraa  deeggarsa yuuroo miiliyoona 170 argatte.

Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad dhihoo kana pirezidaantii komishinii gamtaa Awurooppaa ta’anii kan muudaman Miis Ursullaa Voon Der Leeyi waajjirasaaniitti haasofsiisaniiru.

Sadaasa 21/ 2012 Komishinicha akka gaggeessan kan muudaman pirezidaantiin kun dawannaa isaanii jalqabaa Itiyoophiyaa kan taasisan yoo ta’u, ministirri muummee Dr. Abiyyi nageenya Itiyoo-Ertiraaf shoora ba’an dinqisiifataniiru.

Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad noobelii nageenyaa bara 2019 mo’achuusaaniitti kan gammadan ta’uus ibsaniiru.

Itiyoophiyaan baroota darban koloneeffattootaaf osoo hin jilbeeffatiin walabummaashee eegsiftee turuushee dinqisiifatanii, jijjiirama biyyaa amma jalqabde deeggaruuf kutannoo akka qaban mirkaneessaniiru.

Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad gamasaaniitiin daawannaa isaanii kan jalqabaa Itiyoophiyaa taasisuusaanii dinqisiifatanii, gamtaan Awurooppaa yeroo dheeraaf misooma Itiyoophiyaa deeggaraa akka jiru yaadachiisaniiru.

Gamtaan kun fuulduraafis deeggarsa kana cimsee akka itti fufu amantaa qaban ibsanii, keessumaa fooyyessi dinagdee qabeenya biyyaatiin taasifamu deeggarsa maallaqaa hedduu akka barbaadu pirezidaantittii hubachiisaniiru.

Deeggarsi Yuuroo miiliyoona 170 gamtichi Itiyoophiyaaf kenne damee fayyaa fooyyessuuf, carraa hojii uumuu, invastimantii babal’isuuf, human boordii filannoo cimsuu fi dinagdee biyya keessaaf akka oolu ibsaniiru.

Maallaqni gamtaan Awurooppaa Itiyoophiyaaf gumaache deeggarsoota Kanaan dura kennaa ture kan caalu ta’uun eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015