Keeniyaan Gama Atileetiksiitiin Itiyoophiyaa Waliin Hojjechuu Akka Barbaaddu Ibsite

137

Sadaasa 27/2012 (TOI) – Keeniyaan gama Atileetiksiitiin Itiyoophiyaa waliin hojjechuu akka barbaaddu ministirri aadaa fi tuurizimii Keeniyaa Dr. Amiinaa Mohaammad ibsan.

Federeeshiniin Atileetiksii Keeniyaa kaleessa magaalaa Eldoreettiwalga’iisaa kan waggaa adeemsiseera.

Dorgommiin atileetota biyyoota lamaanii waltajjii dorgommii idil addunyaa irratti taasifamu hawwiidhaan kan eegamu akka ta’es dubbataniiru.

Dorgommii kana sadarkaa olaanaatti guddisuuf akka gargaaru biyyoonni lamaan muuxannoo wal jijjiiruu fi gama ijaarsa dhaabbileetiin akka wal deeggaran Dr. Amiinaan waamicha dhiheessuusaanii waajjirri dubbii himaan ministira dhimmi alaa ibsa TOIf ergeen beeksiseera.

Atileetonni biyyoota lamaanii qorichoota jajjabeessan  irraa akka of eeganii fi balaa gama Kanaan mudachaa jiru furuuf waliin hojjechuu akka qaban Dr. Amiinaan ibsaniiru.

Keeniyaatti Ambaasaaddarri RDFI Ambaasaaddar Mallas Alam walga’ii kanarratti argamanii ergaa federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa dhiheessaniiru.

Ambaasaaddar Mallas Alam akka jedhanitti dorgommiin atileetota Itiyoophiyaa fi Keeniyaa jidduutti taasifamu atileetiksii addunyyaa irratti jaalatamaa fi hawwiin kan eegamu ta’uurra darbee dorgommii akka hawatamu kan taasisu ta’uun himameera.

Ispoortiin faayidaan inni hariiroo ummatootaa fi tokkummaa cimsuuf qabu guddaa ta’uu himanii, kanaafis biyyoonni lamaan waliin akka hojjetan beeksisuusaanii odeeffannoon waajjiracharraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015