Pirezidaantiin Komishinii Awurooppaa Finfinnee Dhufan

109

Sadaasa 27/2012(TOI) – Pirenidaantiin  Komishinii Awurooppaa haaraa filataman  Ursullaa Voon Der Leyen daawwannaa guyyaa lamaa taasisuuf har’a Finfinnee dhufaniiru.

Pirezidaant Ursullaa Voon Der Leyen buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee wayita ga’an ministirri dhimma alaa RDFI obbo Gadduu Andaargaachoo fi anga’oonni olaanoo simataniiru.

Pirezidaant Ursullaa Voon Der Leyen turtii Itiyoophiyaatti taasisaniin pirezidaantii RDFI Saahilawarq Zawudee fi anga’oota kanneen biro waliin hariiroo Itiyoophiyaa fi komishinii Awurooppaa jidduu jiru cimsuun haala dandeessisurratti ni mari’atu jedhameetu eegama.

Ursullaa Voon Der Leyen dhihoo kana pirezidaantii komishinii Awurooppaa ta’anii erga filatamanii asitti biyyoota Awurooppaatii ala daawwannaan Itiyoophiyaatti taasisan kan jalqabaati.

Hariiroon Itiyoophiyaa fi komishinii Awurooppaa ifatti kan jalqabe bara 1967 Itiyoophiyaan biyyoota Afriikaa, Kaariibiyaanii fi Paasifiik waliin Loomeeti walii galtee Kotonootiini.

Gamtaan Awurooppaa bara kana waajjirasaa Finfinneetti banuusaatiin hariiroon kun cimee itti fufuusaa dubbii himaan ministeera dhimmi alaa eereera.

Itiyoophiyaan karaa embaasiishee Beeljiyeem Biraaseelsitti argamuutiin hariiroo lamaanii cimsitee itti fufteetti jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015