Malaammaltummaarratti Duuluudhaan Jijjiirama Jalqabame Hogganuun Akka Barbaachisu Bulchiinsi Masaraa Beeksise

100

Sadaasa 25/2012 (TOI) – Malaammaltummaarratti duuluudhaan jijjiirama jalqabame hogganuun akka barbaachisu bulchiinsi masaraa beeksise.

Guyyaan malaammaltummaa sadarkaa idil addunyaatti yeroo 16ffaaf Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 15ffaaf kabajamu mata duree “malaammaltummaan biyyaa fi dhaloota ajjeesa! malaammaltummaa ittisuuf itti gaafatama keenya haa baanu!!, dhaloota haa baraarsinu!!” jedhuun bulchiifnii fi hojjettoonni bulchiinsa masaraa ayyaana kana kabajaniiru.

Akka addunyaatti nageenya dhabuu namootaaf, hanqina haqaaf, rakkoolee hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa keessaa malaammaltummaan isa tokkodha.

Akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 2003 baatii Sadaasaa konveenshiniin malaammaltummaa idil addunyaa yaa’ii walii gala Meeksiikoo magaalaa Meeriidaatti adeemsifameen guyyaan farra malaammaltummaa akka kabajamu kan ragga’e yoo ta’u, yeroo sanaa kaasee sadaasni 30 biyyoota walii galtee kana mallatteessaniin guyyaa farra malaammaltummaa jedhuun waggaa waggaan ni kabajama.

Daarektarri olaanaa masaraa obbo Tafarii Fiqree ergaa ayyaana kanarratti dabarsaniin, qisaasa qabeenyaa ittisuudhaan, sirna hojmaataa si’ataa fi teekinoloojii ammayyaatiin deeggarame gabbisuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Qabsoo farra malaammaltummaa milkeessuu fi Itiyoophiyaa badhaate dhugoomsuuf bulchiinsi masaraa qaamota dhimmi ilaalu waliin akka hojjetu dubbataniiru.

Malaammaltummaan misooma, demokiraasii fi ijaarsa nageenyaa waliin faallaa ta’uusaa hubachuudhaan malaammaltummaa irratti duuluudhaan jijjiirama jalqabame hogganuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015