Ayyaana Saboota, Sablammootaa Fi Ummattoota Itiyoophiyaa Ilaalchisuun Simpooziyeemiin Adeemsifame

118

Sadaasa 24/2012 (TOI)- Simpooziyeemiin Ayyaana saboota, sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa 14ffaa Sadaasa 29 bara 2012 Finfinneetti kabajamu sababeeffachuun Adaamaatti gaggeefame.  

Maricharratti waraqaan marii dhimmoota hariiroo gaarii sabaa fi sablammootaa, sirna waliin jireenyaa ummattootaa fi sirna Gadaa irratti xiyyeeffatu dhiyaateera.

Qorannoo dhiyaate keessatti ummatni Oromoo sabaa fi sablammoonni biyyattii keessa jiraatan waliin hariiroo cimaa fi walitti dhufeenya hawaasa-dinagdee gaariin waliin jiraataa kan turee fi ammas jiraachaa kan jiru ta’uu ka’eera.

Sabaa fi sablammoonni biyyattii gaddaa fi gammachuu waliin dabarsuu irra darbee aadaa uffannaa, nyaataa, afaanii fi fuudhaa fi heerumaatiin ummata walitti hidhata bara dheeraa qabu ta'uu qorannichi ibsee jira.

Sirni Gadaa Oromoo kan Oromoo qofa osoo hin ta'iin kan sabaa fi sablammoota hundaa akka ta'es qorannoo hayyootan dhiyaate keessatti gadi fageenyan ibsamee jira.

Ummata Oromoo biratti irbuu cabsuun safuu cabsuu akka ta'e kan ibsan qorattonni waraqichaa, safuu fi duudhaa ofii jabeefachuun dubbii ijoo akka ta'e dubbataniiru.

Hirmaattonni marichaa yaada kennaniin Ummanni Itiyoophiyaa waggoottan hedduuf kabajaan waliin jiraachaa ture ajandaa siyaasaan wal miidhuu hin qabu jedhaniiru.

Akka gabaasa Biiroo dhimoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaatti Tokkummaa ummattootaa cimsuuf Mootummaa fi ummanni qindoominaan hojjechuu qabus jedhaniiru.  

Aadaan Ummata Oromoo hammataa fi hirmaachisaa waan ta'eef muuxxannoo kana caalmaatti babal’isuuf hojjetamaa qaba jedhan hirmaattoonni kunneen.

Af-yaa'iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoo dubbii sirna cufiinsa simpooziyeemichaa irratti taasisaniin dhimmoonni qorannoon dhiyaatee fi yaadni hirmaattotarraa ka’e ijaarsa biyyaattiif bu’ura kan ta’udha jedhan.

Mootummaa fi Ummanni wal-dhageettii cimaadhaan kan hojjatan ta'uus dubbataniiru.

Sirna Gadaa irratti hojjechuun qooda qaama hundaati jedhan.

Ayyaanni sabaa fi sablammootaa bara kana yeroo itti waadaa keenya haaromsinu dha kan jedhan adde Loomiin, aadaa, safuu fi duudhaa keenya eeggannee waliin jireenya sabootaa fi sablammoota waliin qabnu ni cimsanna jedhaniiru.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015