Ayyaanni Sabaa Fi Sablammootaa Kabajame

158

Sadaasa 24/2012(TOI) – Mirga sabootaa fi sab lammootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoodhaan akka hojjetu bulchiinsi magaalaa Aggaaroo beeksise.

Guyyaan sabootaa fi sablammoota Itiyoophiyaa 14ffaa mata dure”waadaan keenya heera mootummaa nageenya keenya egereef” jedhuun hara magaalaa Aggaarootti kabajameera.

Itti aanaan kantiibaa bulchiinsa magaalaa Aggaaroo obbo Naziif Mahaammadamiin akka jedhanitti guyyaa sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa baranaa wayita kabajnu mirgii fi walqixxummaan sabootaa fi sab lammootaa magaalichatti argamanii  akka kabajamu kutannoo horachuudhaani jedhaniiru.

“Mirgi sabootaa yoo kabajame nageenyi magaalaa keenyaa amansiisaa ta’a jechuudha” kan jedhan obbo Naziif nageenyi amansiisaan jiraachuun ammoo guddina magaalichaa saffisiisuuf carraa akka uumu bdubbataniiru.

Haaluma wal fakkaatuun naannoon Oromiyaa kan qopheessuu fi magaalaa Finfinneetti kan kabajamu ayyaanni sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa 14ffaa irratti hirmaachuuf magaalaa Aggaaroo qaxxaamuranii kan darban naannolee Gaambeellaa, Beeniishaangul Gumuzii fi godinaalee Oromiyaa lixaaf simannaa taasisuuf qophii xumuruu isaanii dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015