Barbaachisummaa Walitti Makamuu Paartii Badhaadhinaa Fi Kallattii Qabsoo Fuula Duraarratti Mariin Taasifamaa Jira

58

Hawaasaa Sadaasa 24/2012 (TOI) - Barbaachisummaa walitti makamuu paartii badhaadhinaa fi kallattii qabsoo fuula duraa ilaalchisee waltajjiin marii hoggantoota olaanoo naannoo Kibbaa har’a Hawaasaatti jalqabame.

Bulchaan bulchiinsa naannichaa obbo Ristuu Yirdaawu waltajjii marii kanarratti akka jedhanitti, walitti makamuun paartilee demokiraasii keessoo dhaabaa fi jiddu galeessummaa demokiraasummaa cimsuuf hawaasa siyaasaa fi dinagee tokko ijaaruu fi humna walitti qabachuuf faayidaa guddaa qaba.

Sochiin demokiraasummaa ummattoota Itiyoophiyaa kibbaa waggoota darban dhaabbilee biyyaalessaa 21 walitti makuudhaan hojii hojjeteen bu’aalee gurguddoo naannichaaf buusuusaa ibsaniiru.

Walitti makamuu kanaaf Sochiin demokiraasummaa ummattoota Itiyoophiyaa kibbaa agarsiiftuu ta’a kan jedhan obbo Ristuun, walitt makamuun kun sirna federaalaa dhabamsiisa kanneen jedhaniif deebii akka ta’u ibsaniiru.

Hoggantoonni sektaroota naannichaa, itti gaafatamtoonni biirolee, bulchitoonni godinaalee fi aanaalee itti gaafatamtoonni qajeelchotaa waltajjii marii guyyoota lamaaf turu kana irratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015