Nageenyi Itiyoophiyaanotaa Eegamee Akka Jiraatan Kan Hojjetu Ta'uu Mootummaan Keeniyaa Beeksise

111

Finfinnee Sadaasa 23/2012 (TOI) - Nageenyi Itiyoophiyaanotaa eegamee akka jiraatan kan hojjetu ta'uu mootummaan Keeniyaa beeksise.

Itiyoophiyaanonni Keeniyaa keessa jiraatan nageenyi isaanii eegamee, biyya isaaniitti  hojjetanii akka jiraatan mootummaan isaanii kan hojjetu ta'uu Prezidaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaan ibsaniiru.   

Prezidaantichi jila hawaasa naannoo Somaalee Diigoodiyaa masaraa biyyattiitti simatanii mariisisaniiru.

Itiyoophiyaanonni waggoottan 40n darban Keeniyaa seenan nagayaan jiraachaa jiaachuu ibsanii, Itiyoophiyaanonni kanneen Keeniyaanota waliin maatii fi qabeenya horatanii akka jiran prezidaant Uhuuruu Keeniyaattaan ibsaniiru.  

Kitaabni muummee ministiraa Doktar Abiyyi Ahimadiin barreeffame Keeniyaa Naayroobiitti eebbifamuu isaatiin gammachuu itti dhaga'ames ibsaniiru prezidaantichi.

Keeniyaan biyyoota ollaa jiran waliin walitti dhufeenya ishee kan cimsitu ta'uu prezidaantichi ibsaniiru.  

Keeniyaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa obbo Mallas Alam gama isaaniitiin, hariiroo ummattoota biyyoota lamaanii cimsuuf hojjechuun barbaachisaa ta'uu kaasaniiru.   

Madda:- Keeniyaatti Embaasii Itiyoophiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015