Naannoo Oromiyaatti Guyyaan Qaama Miidhamtootaa Boru Kabajama

76

Finfinnee Sadaasa 22/2012 /TOI/ - Naannoo Oromiyaatti Guyyaan Qaama Miidhamtootaa boru kabajama.

Guyyaan qaama miidhamtootaa akka Oromiyaatti yeroo 17ffaa, akka biyyaatti immoo yeroo 27ffaa fi akka Addunyaatti ammoo yeroo 28ffaaf kabajamaa jira.

Mata duree "Hirmaannaa fi geggeessummaa qaama miidhamtootaa guddisuun ajandaa misooma 2030 haa mirkaneessinu" jedhuun kabajamaa jira.   

Ayyaana kana irratti waraqaan qorannoo akkaataa qaama miidhamtoonni misooma,nageenyaa fi jireenya hawaasummaa keessatti hirmaachuuf qooda fudhachuu danda'an irratti dhiyaateera. 

Ayyaanni kunis guyyaa boru bakka hoggantoonnii fi qooda fudhatoonni argamanitti sirna adda addaatiin ni kabajama jedhameera BDHKMNO.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015