Horoo Guduruu Wallaggaatti Ijaarsi Bu’uraalee Misoomaa Xumuramanii Tajaajilaaf Qophaa’an

77

Naqamte Sadaasa 22/2012 (TOI) – Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raareetti bu’uraaleen misoomaa baasii birrii miiliyoona 30n xumuramanii tajssjilaaf ooluunsaanii bulchiinsi aanichaa beeksise.

Bulchaan aanichaa Dr. Faaruuq Amaanoo akka ibsanitti, pirojektoota xumuraman keessaa manneen barnootaa qophaa’inaa fi sadarkaa tokkoffaa, hidha jallisii, daandii keessa-keessaa kiiloomeetira 7 tuqaa 5, pirojektoota bishaan dhugaatii 9, manneen qulqullinaa fi gamoon abbaa darbii lamaa keessatti argamu.

Baasiin kanaaf ba’e miiliyoonni 30 mootummaa, dhaabbilee mit-mootummaa fi ummatarraa kan argamedha.

Obbo Caalchisaa Gonfaa jiraataa aanichaa yoo ta’an isaanis yaada kennaniin, pirojektoonni amma xumuraman kunneen ijaarsisaanii harkifataa waan tureef ummata biratti rakkoo bulchiinsa gaarii ta’ee tureera.

Jiraataan magaalichaa obbo Faantaa Taakkalaa gamasaaniitiin, pirojektoonni kunneen xumuramuunsaanii gaaffii misooma bu’uraa ummata aanichaa kan deebisee fi keessumaa rakkoo tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu aanichaa kan hiikedha jedhaniiru.

Rakkoo magaalaa Waayyuu kan ture daandiin keessa-keessaa xumuramee tajaajilaaf ooluunsaa ummanni rakkoo dhoqqee fi dhukkee irraa bilisa ta’uu dubbataniiru.

Bulchaan godinichaa obbo Jabaa Addunyaa eebba pirojektootaa irratti argamuun hirmaannaa ummata aanichaa dinqisiifachuudhaan harka mootummaa ilaaluu qofa osoo hin ta’iin qaamni dhimmi ilaalu hundi qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015