Bulee Horaatti bokkaa cimaa roobee lolaa mudateen qabeenyi Birrii Miiliyoona lama caalu barbadaa’e

106

Sadaasa 18/2012(TOI) -Godina Gujii Lixaa Aanaa Bulee Horaatti bokkaa cimaa roobeen lolaan mudatee qabeenya Birrii Miiliyoona lama caalutti tilmaamamau barbadeesse.

Itti gaafatamaan Wajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Aanaa Bulee Horaa, Obbo Gizaachoo Asaffaa Gandoota aanicha 8 keessatti bokkaan yeroo malee roobe lafa heektaara kuma 1 fi 500 caalurraa qabeenya qonnaan bulaa kuma 6 fi 200 ol ta'an jalaa balleesseera.

Qabeenyi Manca'es Buna, Xaafii, Boloqqee, Jimaa, Muuzii fi Avokaadoofaa akka ta’es ibsaniiru.


Qonnaan bultoonni qabeenyisaanii jalaa miidhame rakkoorra akka hin buune hojetamaa akka jiru Itti Gaafatamaan Ittisa Sodaa Balaa aanichaa, Obbo Daadhii Galchuutti himuu isaanii OBNtu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015