Turkitti Sooressi tokko Idaa Maatii Hiyyeeyyi Guutummaatti Kafaleef

114

Sadaasa 17/2012 (TOI) – Maatiileen hiyyeeyyii Turki Istaanbul jiraatan abbaan qabeenyaa tokkoon liqiin isaan abbaa qabeenyaa tokkorraa liqeeffatan guutummaatti kan  kafalameef yoo ta’u, maallaqni dabalataas kennamaafii akka oole Odiit sentiraal gabaaseera.

Abbaan qabeenyaa maqaan isaa akka hin himamne barbaadu tokko torbee darbe ganda Istaanbulitti argamtu Tuzlaa keessatti namoota jireenya gadi aanaa jiraatan maallaqa irra yaasaa tureera.

Ganda Tuzlaatti namtichi giroosarii xiqqaa qabu tokko akka jedhetti, “Namtichi sooressi kun gara giroosarii koo dhufuudhaan maamiloota koo idaa ofirraa qaban galmee isaanii akkan itti argisiisu na gaafate. Anis galmee maamilootakoo idea ofirraa qaba 4 itti agarsiise, itti aansuun mana isaanii akkan itti argisiisu na gaafate, erga isaan dubbisee booda idea ofirraa qaban guutummaatti kafaleef. Harkattis maallaqa kenneefii isaan gaggeesse.” Jechuun Odiit sentiraalitti himeera.

Tunkaan Yaasaar kan jedhamu Ganda jedhamte kana keessatti nama Suuqii qabudha. Innis yaada kenneen ”daldala kana waggaa 30 hojjeedheera. Tola ooltummaa akkanaa argee hin beeku, maamiloota idaan itti baay’ate akkan itti himu na gaafate, idea ofirraa qaban guutummaatti kafalef.” Jedhuun raga akka ba’e gabaasni kun hubachiiseera.

Abbaan qabeenyaa kun jalqaba bara haaraatti gara jiraattota hiyyeeyyii Istaanbul dhaquudhaan liiraa kuma 1 ykn doolaara 175 poostaa keessa gochuudhaan qoqqooduusaa gabaasni kun agarsiiseera.

Namni kun Waxabajjii darbe ayyaana Id-al faxiriif akka kennaatti idea giroosarii jiraattota hiyyeeyyiif liiraa kuma 25/doolaara kuma 4 fi 360/kafaluusaa gabaaichi dabalee ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015