Shaampiyoonaan Ispoortii aadaa fi ammayyaa godina Walaayittaa waggaa waggaan adeemsifamu jalqabame

115


Sooddoo Amajjii12/2011 " Naamusni Ispoortii iddoo hundatti hundaaf, Ispoortiin nagaa fi misoomaaf" mata duree jedhuun dorgommiin shaampiyoonaa Ispoortii aadaa fi ammayyaa  godina Walaayittaa waggaa waggaan adeemsifamu 13ffaan jalqabame.

 Barreessaan  mana maree Ispoortii godinichaa obbo Addisuu Naggaa dorgommichi kaleessa wayita eegalamu, Ispoortiin lammii gabbatee fi misooma irratti hirmaannaa hoo'aa taasisu horachuuf shoora akka qabu ibsaniiru.

Dorgommiin kun bashannansiisuurra darbee taphattoonni kilaboota addaddaa dhufanii akka ilaalan gochuudhaan dargaggootaaf hojii uumuun akka tajaajiluuf yaadamee akka ta'e hubachiisaniiru.

Qajeelcha dargaggoo fi Ispoortii godinichaatti walitti qabaan koree dorgommii fi naamusaa obbo Amaanu'eel Kusaa gamasaaniitiin, gosoonni Ispoortii ammayyaa 9, kan aadaa 5 koorniyaa lamaanuu akka dorgomaman dubbataniiru.

Ispoortii ammayyaatiin kubbaan miilaa, Kubbaa kaachoo, boolii booliin,teeisi minjaalaa, atileetiksii fi taphni buunyaa, kan aadaatiin ammoo tapha qillee, Saddeeqa, wal'aansoo fi Koorbootiin dorgommiin kan adeemsifamu ta'uu beekuun danda'ameera.

Ispoortessitoonni kuma 1 fi dhibba 1 fi 40 ol akka hirmaatanis ni eegama.

Dorgommii guyyaa jalqabaa taasifame kanaan xumura atileetiksii meetira 300n magaalaa Boddittii bakka buutee dorgomuudhaan lammaffaa ba'uun kan xumurte Saraawit Wagaayyoo Ispoortiin miiraan osoo hin ta'iin naamusa gaarii akka barbaadu dubbatteetti.

"Fuulduraaf damee kanaan of fooyyessee hirmaachuuf hojjechaan jira" kan jette Saraawit, naamusa Ispoortii ilaalchisee barumsa hubannoo cimsu kennuun, iddoowwan bashannanaa fi Ispoortiin itti hojjetamu mijeessuun xiyyeeffannoo kennamuufii akka qabu dubbatteetti.

"Dorgommichi walitti dhufeenya ummataa fi muuxannoo horachuuf carraa gaariidha" kan jedhe ammoo taphataa kubbaa miilaa aanaa Kindoo Koshaa kan ta'e Akliiluu Geetaahuni.

Sababni hanqina naamusa Ispoortii inni guddaan Ispoortii fi siyaasa wlitti makuu akka ta'e eeree, kana dhiisuudhaan Ispoortiin nagaaf, carraa hojii uumuuf, ga'umsa qaamaa fi misoomaaf ga'ee inni qabu hubachuudhaan jajjabeessuun akka barbaachisu hubachiiseera.

Dorgommichi amma Amajjii 25/2011tti akka itti fufu beekameera. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015