Kilabiin kubbaa miilaa Jimmaa Abbaa Jifaar hirmaannaa Afriikaarraa gaggeeffame

153


Finfinnee Amajjii 12/2011 Kilabiin kubbaa miilaa Jimmaa Abbaa Jifaar kilabii Kubbaa miilaa Moorookoo Hasaniyaa Agaadiir waliin taphatee 4 fi 0n mo'atameera

Jimmaa Abbaa Jifaar dorgommii kaap konfedereesinii Afriikaa bara 2018/2019f kaleessa Moorookoo deemee taphatee gooliin afur itti galeera.

Torbee darbe Amajjii 5/2011 tapha marsaa jalqabaa Istaadiyoomii Finfinneetti taphatameen Jimmaa Abbaa Jifaar 1 fi 0n kan mo'atame yoo ta'u, qabxii walii galaatiin 5 fi 0n mo'atamee kaappii konfedereeshiniitii ala ta'eera.

Waggaa darbe priimer liigii Itoophiyaa kan mo'ate Jimmaa Abbaa Jifaar, tapha waltajjii Afriikaa waggaa kanaa kan eegale liigii shaampiyoonaa kaafiin yoo ta'ullee, kilabii Gibtsi Al Ahaaliitiin dorgommiirraa gaggeeffamuusaatiin gara kaappii konfedereeshiniitti gadi siqee dorgommii itti fufee ture.

Haa ta'u malee waltajjii Afriikaarratti muuxannoo kana jedhamu kan hin qabne Jimmaa Abbaa Jifaar, dorgommii kaappii konfedereeshinii irraas garanumaa gaggeeffameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015