Godina Booranaa Aanaa Dirreetti Horsiisee Bultootni Mala Ammayyaan Horsiisan Fayyadamaa Tahaa Jiru

62

Sadaasa 12/2012 (TOI) - Godina Booranaa Aanaa Dirreetti horsiisee bultootni horii muraasa mala ammayyaan horsiisaa jiran fayyadamaa tahaa jiru.

Horsiifatee bultoonni loon baay'inaan lakkkaa'uurra horii muraasa gabbisuun gabaaf dhiheessan bu’aa gaarii argachaa jiraachuu dubbatan.

Nyaata horii dhiyeenyatti argachuu dhabuun bishaan dhugaatii horii, fi walitti hidhamiinsa gabaa qormaata guddaa akka itti ta'e horsiisee bultoonni kunneen himan.

Bulchaa aanaa Dirree, Obbo Hasan Huqqaa rakkoo kana furuuf hojjeechaa jiraachuu fi muuxannoon kun horsisee bultoota kanneenii bakka birattis babal'isuuf hojjetamaa jira jedhan jechuun OBN gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015