Godina Buunnoo Beddelleetti Meeshaaleen Waraanaa Adda Adda To’annaa Jala Oolan

52

Sadaasa 11/2012 (TOI) – Godina Buunnoo Beddeleetti meeshaaleen waraanaa addaddaa to’annaa jala ooluun ibsame.

Qajeelchi Poolisii Godina Buunnoo Beddellee akka beeksisetti Kilaashii fi Rasaasa Dabalatee Meeshaalee Waraanaa adda adda to'achuusaa beeksiseera.

Meeshaaleen waraanaa kunneen Konkolaataa 'Bottee' irratti sakatta’insa taasifameen   akka argaman ibsameera.

Meeshaaleen waraanaa kunneenis Kilaashii 70, rasaasaa fi meeshaalee kan biroo yoo ta’an, Qajeelcha Polisii Godinichaatti abbaan adeemsa hojii nageenya naannoo mirkaneessuu komaandar Tolasaa Mulugeetaa qorannoon kan itti fufe tahuu himaniiru jechuun OBN gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015