Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti Misooama Bunaa Dachaan guddisuuf Hojjetamaa Jira

105

Fichee Sadaasa 11/2012(TOI)  - Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaatti misoomni Bunaa sadarkaa yaaliitti gaggeeffamaa ture dachaan guddisuuf hojjetamaa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.

Qonnaa idileetiin cinaatti misooma bunaaf xiyyeeffannaa kennuusaaniitiin galiinsaanii fooyya’aa dhufuu qonnaan bultoonni naannawichaa dubbataniiru.

Waajjirichatti dursaan garee misooma buna, kuduraa fi muduraa obbo Darajjee Asaffaa akka ibsanitti, gandoota gammoojjii 110 aanaalee godinichaa 8 keessatti argaman keessatti waggoota arfan darban lafa heektaara kuma 2 fi 500 irratti misoomni bunaa sadarkaa yaaliitti adeemsifamaa ture bu’aa gaarii agarsiiseera.

Qonnaan bultoonni kuma 13 fi 600 waggaa darbe misooma bunaarratti hirmaachuudhaan buna kuntaala kuma 5 fi 678 oomishuudhaan ofiifis itti fayyadamuudhaan gabaa naannawasaaniif dhiheessuusaanii dubbataniiru.

Qonnaan bulaan Dajanee Fullaasaa aanaa Warra Jaarsoo ganda qonnaan bulaa Goljee kan jiraatan yoo ta’u, isaanis yaada kennaniin buna hundee shantama kuduraalee dhaabbataa waliin dhaaban irraa buna kuntaala shan funaananii gabaaf dhiheessanii galii birrii kuma 31 argachuusaanii ibsaniiru.

Ganduma kana kan jiraatan qonnaan bulaan Mulaatuu Sandaafaa lafa heektaara lama irratti kan misoomsan buna hundee 21 galii gaarii waan argamsiiseef kana booda bal’inaan misoomsuuf karoorsuu isaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015