Walga’iin Mana Maree ADWUI Egalame

66

Sadaasa 11/2012 (TOI) – Walga’iin Mana Maree Adda Diemokiraatawaa Warraaqsa Ummattoota Ityoophiyaa (ADWUI) gaggeeffamuu eegale.

Walga’iin mana maree kun ADWUI fi dhaabbilee deeggartootaa walitti makuudhaan Paartii biyyaalessaa tokko hundeessuuf sochii eegalamerrati akka xiyyeeffatu eegama.

Paartiin walitti makamu kun moggaasa “Paartii Badhaadhinaa” akka qabaatu mana maree ADWUIf akka dhihaatu koreen hojii raawwachiiftuu waliigaluunsaa gabaafamee ture.

Manni marichaas walga’ii har’a gaggeessuu eegale kanaan dhimmoota dhiyaatan irratti mari’achuun murtee ni kenna jedhamee eeggama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015