Ayyaanni Saboota Sablammootaa Fi Ummattootaa Karaa Tokkummaa Ummataa Calaqqisiisuun kabajama --- Aadde Loomii Badhoo Afa Yaa’iin Caffee Oromiyaa

68

Sadaasa 10/2012(TOI) - Ayyaanni Saboota Sablammootaa fi Ummattootaa bara kanaa karaa tokkummaa ummataa calaqqisiisuun kabajama jedhan Afa Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo.

Kabajni Ayyaana Saboota Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa marsaa 14ffaa qopheessummaa Oromiyaan Magaalaa Finfinneetti kabajamu karaa addaan kabajuuf qophiin taasifamaa turuu Adde Loomii Badhoo ibsaniiru.

Ayyaanichi kanaan dura karaa garaagarummaa calaqqisiisurratti xiyyeeffatamee kabajamaa kan ture yoo ta’u, bara kana karaa tokkummaa sabaa sablammoota fi ummattoota biyya keenyaa daran cimsuu danda’urratti xiyyeeffachuun kabajama jedhan.

Duudhaalee boonsaa hawaasaa karaa mul’isuun tokkummaan ummataa sadarkaa hundaatti cimsuuf hojjetamas jedhaniiru.

Jala bultii ayyaanichaarrattis mariiwwan garaa garaa hawaasa waliin taasifamaa jirurratti barreeffamni qorannoo tokkummaa biyyaa cimsan dhiyaachaa jiraachuu Aadde Loomiin himaniiru.

Qaamni faayidaan isaa jalaa tuqame duudhaa waliin jireenyaa ummataa waggoota dheeraaf ture ololaan gara walitti bu’iinsi akka babal’atuuf hojjechaa jiraachuu ibsuun, ummatni gocha kanarratti dammaquu akka qabu dhaamaniiru.

Sirna federaalizimii cimaa lafa qabsiisuufis xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

OBN tu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015