Godina Arsiitti Lafti Heektaarri Kuma 83 Ta'u Jallisiin Ni Misooma

60

Adaamaa Sadaasa 08/2012 (TOI) - Godina Arsii aanaalee garaa garaatti lafti heektaarri kuma 83 ol misooma jallisii ammayyaa fi aadaan kan uwwifamuu ta'uu waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa Godinichaa beeksisee jira.

Itti gaafatammaan waajjirra qonnaa fi qabeenya uumamaa godina Arsii obbo Abbaabbuu Waaqoo Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka jedhanitti bara kana qonnaan bulaan roobaa gannaa qofa akka hin egganeef misooma jallisii cimsuuf hojjechaa jira.

Bara qabamee jiru kanattii lafa heektaara kuma 83 ta'u jallisiin misoomsuuf callaa kuntaala miiliyoona 32 argachuuf akka karoorfames himaniiru.

Karoora kan galmaan ga'uufis qonnaan bultootaaf leenjiin garaa garaa kenamaa jiraachuu kan dubbatan obbo Abbaabbuun, itti fayyadamaa Teekinoolojiis guddisuuf hojjetamaa kan jiru ta'uu himaniiru.

Omishaaleen jallisii kannaan omishamanis kan akka Qullubbii, Timaatima, Qaariyaa, Moosee, Kaarotaa fi Boqqolloo akkasumas Qamadii ta'uu ibsaniiru.

Qonnaan bulaanis galii oomisha kanneen irraa argatuun jireenya isaa akka foyyessuuf waajjirri qonnaa gargaarsaa barbaachisu hundaa ni taasisas jedhaniiru.

Oomisha jallisii kanaaf callaa guddiftuu kuntaalli kuma 40 ol kan qophaa'e ta'uus dubbataniiru.

Hojii misooma jallisii kana irrattis qonnaan bultoonni kuma 113 ol kan hirmaatan ta'uus dubbataniiru.

Hojiin misooma jallisii kunis marsaa lamaan kan gaggeeffamu akka ta'es ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015