Yunivarsiitichi Haala Baruu Fi Barsiisuu Itti Fufsiisuuf Hojjechaan Jira Jedhe

47

Adaamaa Sadaasa 3/2012 (TOI) - Yunivarsiitiin Adaamaa haala baruu fi barsiisuu itti fufsiisuuf hojjechaan jira jedhe.

Pirezdiaantiin Yunivarsiitii Adaamaa Doktar Lammii Guutaa har'a Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka jedhanitti haala baruu fi barsiisuu karaa nagaan itti fufsiisuuf hojjechaa jirra jedhaniiru.

Hawaasa naannawaa waliin qindaa’uun barattoonni barnoota isaanii akka itti fufan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Baratonnnis qaamoolee daldaltoota siyaasaa ta'an irraa of eeganii kaayyoo manaa ba’aniif irratti xiyyeeffachuu qabuus jechuun dubbataniiru.

Yunivarsiitiin Adaamaas nageenya barattoota Yunivarsiitichaa eeguuf koomandi poostii magaalaa Adaamaatti dhaabate waliin qindaa'ee hojjechaa kan jiru ta'uus pirezdaantiin Yunivarsiitiichaa himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015