Qaama Hidha Haaroomsaa Kan Ta’e Hojiin Hidha Koorichyaa Guutummaatti Xumurame

110

Finfinnee Sadaasa 3/2012 /TOI/ - Qaama hidha haaroomsaa kan ta’e hojiin hidha koorichaa guutummaatti xumurame.  

Qaama hidha haaromsaa guddichaa kan ta’e hojiin kun guutumaatti xumuramuu Humni Elektirikaa Itiyoophiyaa beeksise.

Ittaanaa Hojii Gaggeessaan Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Obbo Balaachoo Kaasaa akka ibsanitti, kana dura hojiin dhagaa guutuu meetir kiyuubiin miliyoonni 14 raawwatamuusaa himan.

Hojiin kana keessaa armaataa oliirratti saantimeetirri 30 kan hafe yoo ta’u, amma guutuummaatti guutamuu isaa dubbatan.

Kunis hojii Hidha Haaroomsa Guddichaa keessaa qaamni murteessaan xumuramuu isaa agarsiisa jedhan Obbo Balaachoon.

Hojiin bakka bishaan itti kuufamuu fi siiviiliirratti xiyyeeffannoon hojjetamaa kan ture hidhichi ariitiin xumuruuf kan gargaaruudha jedhan.

Hojiin hidha koorichaa kun dheerina kiiloo miitira 5 tuqaa 2 fi irraan olee meetira 50 kan qabu ta’uu ragaan Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa irraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015