Hidhi Bishaan Dhugaatii Haroo Buraa Tajaajilaaf Qophaa’e

65

Nagallee Sadaasa 02/2012 (TOI) – Godina Booranaatti hidhi Haroo Buraa Birrii Miiliyoona 10n haaromsii fi hojiin babal’isuu taasifameef tajaajilaaf qophaa’uusaa komishiniin horsiisee bultootaa naannoo Oromiyaa beeksise.

Jiraattonni naannawichaa hidha kana akka kunuunsanii fi eegumsa ni taasifna jedhaniiru.

Komishinariin itti aanaa komishinichaa obbo Mahaammad Jiloo hidhi kun ummana aanaalee afurii akka tajaajilu himanii, baatii Amajjii irraa kaasee tajaajila eegalchiisuuf qophiin xumuramaa jira jedhaniiru.

Hidhi kun hojii kan eegalu bishaan roobaa fi lolaa meetir kuubii miilitoona 11 caalu kuusuun akka ta’ee fi wayita ammaa bishaan dhibbantaa 80 kuufamuusaa eeraniiru.

hubachiisaniiru.

Hidhi kun namoota kuma 10 fi loon kuma 5f guyya guyyaatti akka fayyadu kan himan itti aanaan komishinaraa kun, hidha kanarratti misoomni jallisii fi horsiifni  Qurxummii akka adeemsifamu beeksisaniiru.

Rakkoo horsiisee bulaa hiikuuf waggaa kana hidha dabalataa fi bishaan boollaa gadi fagoo akka qotamu obbo Mahaammad eeraniiru.

Jiraataan aanaa Eloyyaa obbo Guraa Galgaloo hidhi kun rakkoosaanii waan furuuf gammaduusaanii ibsanii, joormitii namaa fi looniif bishaan barbaacha taasisaa turan akka furuuf dubbataniiru.

Hidhichi dalaliin akka hin guutamne jiraattota naannawaa waliin wal ta’uun biqiltuu dhaabuun, hidha hojjechuun akka kunuunsan ibsaniiru.

Jiraataa biro obbo Huseen Taarii rakkoon bishaanii waggaa darbe isaan mudhachaa ture akka hin mudanne waan taasisuuf kunuunsaa fi eegumsa akka taasisaniif beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015