Manni Maree Ministirootaa Murteewwan Addaddaa Dabarsee

61

Onkololessa 29/2012 (TOI) - Manni Maree Ministirootaa walga'ii idilee 75ffaa har'a gaggeesseen murteewwan addaddaa dabarseera.

Manni marichaa ibsa TOIf ergeen akka beeksisetti jalqaba danbii wixinee ittiin bulmaata Raayyaa Ittisaa irratti mari’atee yaada murtii dabarseera.

Ibsi kun akka beeksisetti jijjiirama akka biyyaatti dhufe hordofuudhaan raayyaan ittisaa Itiyoophiyaa ergama biyyaa akka ba’uu fi hojiiwwan fooyyessa jijjiiramaa hojjechuuf labsiin haaraan ragga’ee hojiirra ooluunsaa ni yaadatama.

Caasaalee fi gurmaa’insoota haaraawwa labsii haaraatti dabalaman waliin wal simsiisuuf, rakkinoota raawwachiisummaa danbii hojiirra jiru irratti mul’atan sirreessuuf lakkoofsi danbii raayyaa ittisaa 385/2008 fooyyessuun barbaachiseera.

Kana malees tumaawwan haaraa rakkoolee dinagdee fi hawaasummaa raayyaa ittisaa xiqqeessuuf fayyadan itti dabaluuf danbicha fooyyessuun barbaachisaa ture jedheera ibsi kun.

Raayyaan ittisaa dirqamasaa akka raawwatuu fi hamilee isaa cimsuuf jecha danbiin kun fooyya’uusaa kan mul’ise ibsi kun wixineen danbii fooyya’e kun murtii mana mare ministirootaaf dhiheesseera.

Manni mare kun wixinee danbii kanarratti erga mari’atee booda fooyya’umsa tokko tokko itti dabaluudhaan danbiin kun hojiirra akka oolu murtee dabarseera.

Kana malees manni maree kun wixinee danbii faawundeeshiniin raayyaa ittisaa ittiin hundeeffamu irratti mari’atee murtee mana marichaaf dhihaaterratti mari’atee fooyya’iinsa tokko tokko taasisuun hojiirra akka oolu murteesseera.

Gama biraatiin manni maree kun labsii wixinee sirna bulchiinsaa Federaalaa tumuuf ba’erratti mari’atee  sirreessa tokko tokko taasisuun akka ragga’u mana mare bakka bu’oota ummataaf akka darbu murteesseera.

Manni mare kun labsii wixinee tamsa’ina dubbii jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa ittisuu fi to’achuuf qophaa’erratti mari’atee sirreeffamoota tokko tokko taasisuudhaan akka ragga’u mana mare bakka bu’oota ummataaf akka darbu murteesseera.

Xumura irrattis manni mare kun mootummoota Itiyoophiyaa fi Jibutii jidduutti ujummoo gaazii uumamaa dabarsuuf walii galtee taasifame raggaasuuf labsii wixinee qophaa’e irratti erga mari’atee booda fudhatee akka ragga’u mana mare bakka bu’oota ummataaf akka darbu murteesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015