Itoophiyaanonni garaagarummaa lallabuu dhiisanii tokkummaa fi nageenyaaf duursa akka kennan Abuna Maatiyaas hubachiisan

79

Finfinnee Amajjii 11/2011 Itoophiyaanonni garaagarummaa osoo hin ta'iin uumama rabbii kan ta'e nageenya ilma namaatiif xiyyeeffannaa akka kennan paatiriyaarkiin Bataskaana Ortodoksi tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas waamicha dhiheessan.

Paatiriyaarkichi kana kan jedhan Finfinnee Jaalmeedaatti kan kabajame ayyaana cuuphaa  irratti amantoota kiristaana Ortodoksii kuma hedduutti lakkaa'amaniif ergaa dabarsaniini.

Itoophiyaa keessa iddoo addaddaatti sanyii fi afaaniin wal qooduudhaan walitti bu'iinsa mul'tu hordofee ajjeechaa fi buqqa'uu dabalatee kan mul'atu dhiitamuun mirga namoomaa ilaalcha amantaa kan hin taane, eenyummaa Itoophiaa kan of keessaa hin qabne gocha miidhaa guddaa qabu akka ta'e ibsaniiru.  

Sanyii fi gosaan dhaadachuun gatii kan hin qabne ta'uunsaa bara Yohaannis isa cuuphaa mirkanaa'uusaa macaafa qulqulluurratti kaa'amuunsaa himanii, "sanyiin nu caalu hin jiru, nuyi kanneen biroorraa adda" jechaa kan tura Ayihudaanonni, yaadasaanii kanaan yoo miidhaman malee faayidaan argatan tokkollee hin jiru jedhaniiru.

"Rabbi guddaan afaan kan uume ittiin walii galuuf, daangaalee naannoo ammoo ittiin buluuf malee dhalli namaa akka gargar itti ba'uuf miti" kan jedhan Paatiriyaakiin kun, eenyummaan Itoophiyaa kan ittiin ibsamu sanyii, afaan yookaan naannoo osoo hin ta'iin, hojii rabbii guddaa kan ta'e uumama namaa ta'uusaa hubachuu qaba jedhaniiru.

Wal ajjeesuun, lammiiwwan bakkaa buqqisuu fi saamuu dabalatee naannolee biyyattii gara garaa keessatti walitti bu'iinsi mul'atu dhaabbachuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Humnoonni garee addaddaatii dhaabbatan afaan keessa wal ba'uu dabalatee hojiiwwan diiggaa ta'an irraa of qusatanii rakkoolee jiru jedhanii yaadan irratti mari'achuudhaan hiikuuf dursa akka laatan gaafayaniiru.

Keessumaa dargaggoonni gachaa raawwatan kamiyyuu hubannoo fi of eeggannoon qorachuu akka qaban eeranii, gocha diiggaatiin qabamanii dogoggora seenaan hin dagannerratti akka hin kufne Ofeeggachiisaniiru.

Itoophiyaanonni addaan wal qooduu osoo hin ta'iin, tokkummaa, nageenyaa fi jaalalaaf

dursa akka kennan waamicha dabarsaniiru.

"Haaloon jaalala hin dhalu, dhiifamni garuu dachee hunda jaalalaan guuta" jechuudhaan yeroo ammaa dhimmi ariifachiisaan Itoophiyaa tokkummaa, nageenyaa fi kabajamuu mirga namoomaa akka ta'e dubbataniiru.

 Ayyaanni cuuphaa Finfinnee Jaalmeedaatti sirna amantaa fi agarsiisa aadaalee addaddaatiin amantoonnii fi tuuristoonni biyyoota alaa  hedduun bakka argamanitti kabajameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015