Maamiltoota Baankii Mootummaa Fi Dhuunfaarraa Waliin dhahamuuf kan ture Birrii Miiliyoona 28 Oolchuun Danda’ameera

67

Onkoloolessa 29/2012 (TOI) – Baankii daldalaa Itiyoophiyaa dabalatee maamiltoota baankii mootummaa fi dhuunfaa waliin dhahamuuf kan ture birriin miiliyoona 28 oolchuusaa komishiniin poolisii Finfinnee beeksise.

Kmishinichi TOIf akka beeksisetti baankiiwwan mootummaa fi dhuunfaarraa  shakkamtoonni birrii miiliyoona 60 waliin dhahan to’annaa jala oolaniiru.

Shakkamtoonni cheekiiwwanii fi sanadoota sobaatti fayyadamuudhaan baankiiwwan mootummaa fi dhuunfaarraa maallaqa kana waliin dhahaniiru.

Maamiltoota baankii mootummaa fi dhuunfaa irraa yakki waliin dhahuu raawwatamaa akka jiru poolisiin odeeffannoo tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyoolessaarraa  isa qaqqabe ka’umsa godhachuudhaan to’annoo taasiseera.

Namoota dhuunfaa yakkaan shakkamanii qabaman 70 keessaa baankii daldalaa Itiyoophiyaa dabalatee erraga baankii maamiltoota baankiiwwan dhuunfaa addaddaa keessaa birrii miiliyoona 60 fi kuma 843 fi 601 baasii taasisuunsaanii mirkanaa’eera.

Karaa walfakkaatuun baasii taasifamuuf kan ture birriin miiliyoona 28 ol oolchuun akka danda’amee fi shakkamtoota harkaas cheekiin baankii fi meeshaaleen yakka raawwachuuf gargaaran akka qabaman ibsameera.

Lakkoofsa erraga baankii isaanii keessatti kan argame birriin miiliyoona 16 olis akka hin baane taasifamuusaa komishinichi hubachiiseera.

Shakkamtoonni yakka kana kan raawwatan hojjettoota isaan gargaaran Itiyoo telekoom, Baankii, bulchiinsa aanaa, waajjira galmee fi mirkaneesa sanadaa, akkasumas dhaabbilee biro irraa filachuun akka ture ibsi kun mul’iseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015