Magaalaa Galaanitti Sheediiwwanii Fi Pirojektoonni Gara Garaa Waldaalee IMXn Gurmaa'aniif Dabarfame

67

Onkoloolessa 28/2012 (TOI) - Bulchiinsa Magaalaa Galaanitti Sheediiwwanii fi pirojektoonni gara garaa waldaalee IMX gosa adda addaa irratti gurmaa'aniif dabarfameera.

Hojii dhabdummaa hir'isuuf bu'uuri interpiraayizii fi industiriin baay'ee murteessaa ta'uu isaatiin bulchiinsi magaalaa hoji dhabeeyyii hojiitti galchuuf xiyyeeffannoon hojjechuun carraa jiru hundatti fayadamuun hojjetamaa jiraachuu isaa Itti Antuu kantiibaa Addee Wayinisheet Gizaaw ibsaniiru.

Sagantaa kana irratti argamuun ergaa kan dabarsan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Galaan Obbo Ahimad Idriis akka jedhanitti dargaggoonni hojii osoo hin tuffatiin hojjachuun of jijjiiruu akka qabanii fi aadaa qusaanna isaaniis akka cimstan dhaamaanii ru.

Sagaantaa kana irraattis waldaan muuxaanoo gaarii qabu kan dhiyaate yommuu ta'u, carraa sheedii keenname keessaa qaama miidhamtoonnis fayaadamoo ta'uu BDhKMNO gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015