Dippilomaatonni hojii dippilomaasi jijjiirama Itoophiyaan keessa jirtu waliin walfudhatu hojjiechuuf mari'atan

69

Finfinnee Amajjii 10/2011 Marii dippilomaatotaa guyyoota shaniif adeemsifameen hojiin dippilomaasii jijjiirama Itoophiyaan keessa jirtu waliin wal simu hojjetamuu haala danda'amurratti mariin adeemsifamuusaa hirmaattonni dubbatan.

Ambaasaaddaroonni biyyoota alaatti argamanii fi waajjira muummee dabalatee dippilomaatonni Itoophiyaa biyyoota addaddaa keessa hojjetan marii kanarratti hiraamaataniiru.

Keessumaa haala addunyaa fi Itoophiyaa yeroo ammaa, dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffatee fi imaammata quunnamtii Itoophiyaarratti xiyyeeffachuun mari'ataniiru.

Dhaabbata mootummoota wal ta'aniitti ergamaan dhaabbataa Ambaasaaddarri Taayyee Atsiqasillaassee akka jedhanitti, jaiqabnii fi xumurri hojii dippilomaasii kamiiyyuu faayidaa biyyaalessaa eegsisuudha.

Jijjiiramni amma Itoophiyaan keessa jirtu waltajjii addunyaarratti carraan bal'aan akka uume eeranii, jijjiirama kana beekumsaa fi ogummaan gaggeessuudhaan faayida tarsiimawaarra oolchuun haala danda'amurratti mariin taasifamuu dubbataniiru.

Jijjiiramni kun beekamtii Itoophiyaa ol kaasuusaa eeranii, dippilomaatota hundarraa hojii kanaan wal simu hojjechuutu eegama jedhaniiru.

Ameerikaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Fitsum Araggaa gamasaaniitiin, ministirri muummee doktor Abiyyi Ahimad biyyoota addaddaa dhaquudhaan diyaaspooraan biyyasaaf deeggarsa akka godhu hojii bal'aa hojjechuusaanii yaadataniiru.

Kaka'umsa diyaasporaadhaan uumame attamitti gara faayidaa biyyaatti jijjiiruun akka danda'amu irratti dippilomaatotaan mariin bal'aan adeemsifamuusaas ibsaniiru.

Marii kanaan 'dhaabbileen damee quunnamtii alaatti qaama dhimmi ilaalu kan ta'an marii kanarratti argamanii haala dippilomaatota waliin wal ta'anii hojjetanirratti haasawaniiru' kan jedhan ammoo dubbi himaa ministeera dhimma alaa Nabiyaat Geetaachooti.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015