Lallabni mana amantittii afaan dhalootaa naannoleetin akka ta'u murtaa'e

90

Finfinnee Onkololeessa 24/2012 /TOI/ Lallabni mana amantaa Ortodooksii Itiyoophiyaa afaan dhalootatiin akka ta'u murtaa'uu yaa'iin Siidodoosii mana amantittii beeksise.   

Siinodoosichi rakkoon nageenyaa Ityoophiyaatti mul'atu akka furamu, mootummaan nagaa buusuurratti xiyyeeffannaan akka hojjetu, nageenyi lammiilee akka mirkanaa'u, kan buqqa'an qayee isaaniitti akka deebi'an, mootummaan rakkoo nageenyaa amantaa waliin walqabatu kamuu akka ittisuu fi to'atu gaafateera.

Hojiilee mana amantittii ummataan ga'uuf qunnamtii ummataa sadarkaa qajeelchaatti akka hundaa'u murteessera.

Lallabni mana amantittii afaan dhalootaa naannoleetin akka ta'us murteessera.

Sanaaf ammoo manneen barnootaa fi wirtuuleen leenjii lallabaa afaanotaan akka hundaa'an, kan jiranis akka ciman murteessuu, baajatni dhaabbii akka ramadamu murteessera.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii nageenyaa addunyaa bara Faranjootaa 2019 injifachuu isaanitiin siinodoosichi gammachuu itti dhaga'ame ibseera.

Badhaasichi Ityoophiyaaf beekamtii kan laatee fi maqaashee hojii gaariidhaan kan haaromse jedheera.

Manni amantittii hojiilee misoomaa fi hiyyummaa injifachuurratti mootummaan taasifamu kan deeggartu ta'as jedheera siinodoosichi.

Manni amantittii hojiilee koree nageenyaa fi araaraa kan deeggartu ta'uun ibsameera.

Walitti bu'iinsan namoota naannoo Oromiyaatti miidhaman deeggaruuf koreen kan ijaarrame yammuu ta'u, baajatni ramadamee hojiitti akka galamu murtaa'eera.

Godinaaleen Geedi'oo fi Burjii amma ammaatti lallaba biyyoolessaa Sidaamaa jala turan of danda'anii lallaba biyyoolessaa akka ta'an murtaa'ee jira.

Hariiroon Ortodooksii Ityoophiyaa fi Raashiyaa akkuma kanaan duraa cimee kan itti fufu ta'uun ibsameera.

Siwiidiin magaalaa Soodarteelitti tajajailli hordoftootaa beekamtii akka argatu murtaa'uu siinodoosichi ibseera.

Baajata 2012 irratti mari'atamee kan raggaasifame yammuu ta'u, Ityoophiyaan nagaa fi tasgabbii akka qabaattu ni hojjenna jedheera siinodoosichi.

Siinodoosichi Onkololeessa 11 amma 24 bara 2012tti yaa'iisaa gaggeessaa ture har'a xumureera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015