Magaalaa Mojootti balaan abiddaa qaqqabe

134

Finfinnee Onkololeessa 20/2012 (TOI) Magaalaa Mojootti balaa ibiddaa har'a barii naannoo sa'aatii 10:00tii eegalee naannawa Gabaa jedhamuun beekamutti qaqqabeen suuqiiwwan 60 kan barbadaa'an ta'uu waajjirri dhimmoota koominikeeshinii magaalichaa beeksiseera.

Balaan kunis hirmaannaa qaamolee nageenyaa fi tumsa ummataatin iddoowwan birootti akka hin babal'anneef too'atameera.

Ka'umsi balaa qoratamaa kan jiru ta'uu fi tilmaamni qabeenya barbadaa'ees qulqullaa'ee kan ibsamu ta'uu itti gaafatamaan Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Mojoo Koomaandar Mohaammad Ahimad ibsaniiru.

Balaa ibiddaa kana too'achuufis konkolaattotni balaa tasaa ibiddaa magaalota Finfinnee, Adaamaa, Bishooftuu fi dhaabbilee dhuunfaarraa dhufan irratti hirmaachus Koomaandar Mohaammad eeraniiru jechun kan gabaase OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015