Itiyoophiyaan yeroo jalqabaatiif dorgommii dhandhama bunaa idil addunyaa qopheessuufi

100

Finfinnee /TOI/ Onkoloolesa 11/2012 Itiyoophiyaan yeroo jalqabaatiif dorgommii dhandhama bunaa idil addunyaa qopheessuufi jedhame.  

Dorgommii kanaaf qophii taasifamaa jiru ilaalchise Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa ibsa kenneera.  

Ibsicha kan kennan Daayreekitarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa Dr.Addunyaa Dabaalaa, dorgommichi akka biyyaatti Bitooteessa 21 hanga 25 bara 2012 kan gaggeefamu ta'uu isaa fi kan idil addunyaa ammoo Bitooteessa 29 hanga Ebila 02 bara 2012tti Kan gaggeeffamu ta'uu himaniiru. 

Dorgommiichi Itoophiyaatti taasifamuun isaa gosti bunaa biyyattíi addunyaarratti akka beekamu gochuun sharafni biyya alaa argamaa jiru akka guddatu gan gargaaru ta'uu himameera.  

Dorgommii dhandhama bunaa "cup of excellence" jedhamuun beekamuu kun akka lakkoofsa Awurooppaa bara 1999 kan jalqabe yoo ta'u omishtoonni bunaa, ergitoonni, waldaaleen hojii gamtaa ,dhaabbilee buna qulqulleessan, ni hirmaatu jedhameera.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015