Dandeettii waa uumuu dargaggootaa jajjabeessuuf kan ijaaraman kaaffeewwan saayinsii shan tajaajila kennuu hin jalqabne

90

Finfinnee Amajjii 10/2011 Danddeettii waa uumuu dargaggootaa jajjabeessuuf Finfinneetti kan ijaaraman kaaffeewwan saayinsii shan wantoonni hojiif barbaachisan waan hin guutamneef tajaajila kennuu hindandeenye jedhame.

Dargaggoonni hoggansa taakinooloojii biyyattii akka fudhatan dandeessisuuf ministeera saayinsii fi taakinoloojii duraatiin bu’aawwan teekinooloojii fi waa uumuu kan of keessaa qabu kaaffeewwan saayinsii ijaaramuunsaanii ni beekama.   

Hojiin kun Jiddu galeessa dargaggootaa tajaajila kennaa jiranitti fayyadamuun jijjiirama diizaayinii gochuudhaan  kompiitaraa fi televiziyoona dabalatee bu’aawwan teekinooloojii addaddaa gurmeessuu dabalata.

Kaaffeewwan saayinsii tokkoon tokkoon isaanii baasii birrii miiliyoona 4-6 tiin jiddu gala dargaggoo shan keessatti ijaaramanii waggaa tokko dura eebifaman tajaajila kennuu akka hin eegalle hojjettoonni jiddu gala dargaggootaa  tajaajila oduu Itoophiyaatti himaniiru.

Kutaa magaalaa Gullalleetti ogeettiin mana kitaabaa jiddu gala dargaggoo aanaa shanii adde Itaaganyi Mulaat mana kitaabaa kana tajaajilaaf qopheessuuf waggaa tokko oliif haaromsarra turuusaa ibsaniiru.

Haaromsisaa baatiiwwan muraasa dura xumuramee tajaajila duraanii kennuu eegalus kaaffeen saayinsii kun hojii akka hin eegalle kompiitarri dhabamuunsaa rakkoo akka itti ta’e dubbataniiru.

Kutaa magaalaa Qirqoositti hojjetaan jiddu gala dargaggootaa aanaa 8 obbo Biraanuu Wadaajoo giddu galli dargaggoo kunneen ijaaramanii xumuramuun ala meeshaalee barbaadamaniin akka hin guutamne hubachiisaniiru.

Biiroo dargaggootaa fi Ispoortii Finfinneetti daayirektoreetiin fayyadamummaa fi ga’eessuu dargaggootaa gamasaaniitiin, ministeera saayinsii fi teekinooloojii duraanii waliin baatii Caamsaa 2009 kan walii gale ijaarsi Kaaffeewwan saayinsii kun baatii sadii keessatti akka xumuramu akka ture yaadachiisaniiru.

Biiroon kun fo’annaa hojjettootaa xumuree meeshaaleen hojiif barbaachisan akka guutamaniif eeggachaa akka jiru dibsaniiru.

Kaaffeewwan saayinsii shanFinfinneetti  ijaaraman kunneen kan eebifaman Sadaasa bara 2010 ture.

Tajaajilli  oduu Itoophiyaa ministeera Innoveeshinii fi teekinooloojii dhimmicharratti ibsa akka kennu yaalii addaddaa taasisullee, deebii argachuu hin dandeenye.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015