Ilaalchi nageenya biyya keessaa caalaa biyya alaaf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira jedhu dogoggora ... Dooktar Abiyyi

66

Finfinnee (TOI)  Onkoloolessa 11/2012 Ilaalchi nageenya biyya keessaa caalaa biyya alaaf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira jedhu dogoggora guddaa dha jedhan muummeen ministraa Dooktar Abiyyi Ahimad.    

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti argamuudhan gaaffilee miseensota mana marichaarraa ka'aniif yaadaa fi deebii laachaa jiru.  

Itiyoophiyaa keessa nageenyi waan barbaachisuuf ministeerri nageenyaa hundaa’e jiras  jedhan.

Dhimmi biroo kan yeroo kennuu ta’uu danda’a dhimmi nageenyaa garuu dhimma murteessaa jechuun dhimmi nageenyaa kan duursa kennamuuf ta’uu himan.

Ilaalchi nageenyaa biyya keessaa caalaa biyya alaaf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira jedhu dogoggora guddaa dhas jedhaniiru.

Nageenyi yoo jiraate waan karoorsine hunda hojjennee milkoofnas jedhaniiru.      

“Biyya keenya keessatti buqqaatoota iddoosaanitti deebisuun, mana ijaaruun sanyii fi waan isaaf barbaachisu hunda guutuuf xiyyeeffannaadhaan hojjechaa kan turre nageenyi waan hundaa oli, nageenyi biyya keenyaa murteessaa waan ta’eefi dha” jechun ibsaniiru.  

“Godinaalee garaa garaa keessatti naanna’uun nageenyi akka bu’uufi walitti dhufeenyi ummattootaa akka cimu kan hojjechaa baaneefis nageenyi waa hundaa oli murteessaa waan ta’eefi”jedhaniiru.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015