Paartileen siyaasaa injifachuu qofa osoo hin taane, yaada fooyya'aa injifatu qabatanii ummata biratti fudhatama argachuu qabu ... Dooktar Abiyyi Ahmad - ENA Afaan Oromoo
Paartileen siyaasaa injifachuu qofa osoo hin taane, yaada fooyya'aa injifatu qabatanii ummata biratti fudhatama argachuu qabu ... Dooktar Abiyyi Ahmad

Finfinnee/TOI/ Onkololeesa 11/2012 Filannoo bara kanaatiin Paartileen siyaasaa injifachuu qofa osoo hin taane, yaada fooyya'aa injifatu qabatanii ummata biratti fudhatama argachuu qabu jedhan mummeen ministiraa Dooktar Abiyyi Ahmad.
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti argamuudhan gaaffilee miseensota mana marichaarraa ka'aniif yaadaa fi deebii laachaa jiru.
Filannoo biyyoolessaa gaggeessun barbaachisaa dha, demokraasiin kan itti shaakalamus jedhan.
Filannoon yoo hin geggeeffamne ta’e “Manni maree Bakka Bu'oota Ummataa umriisaa dheeressuu danda'a ta'a, yaa ta'uutii garuu xinsammuu fi humna guutuu filatamee mana marichaa ittiin galeen hin hojjetu jechun” himaniiru.
“Baroota darbees filannoon gaggeeffameera, filannoo keessa rakkoon hin dhabamu, filannoon qabnu filannoo gaggeessuu dheeressuu fi dhiisuu osoo hin taane shaakaluu dha” jedhaniiru muummeen ministraa.
Boordiin filannoo Biyyoolessaa gurmaa'inasaa cimsee, miseensonni boordii muudamanii baajannis ramadameefii dhaabbatichi akka walaba ta'utti hojjechaa jira.
Filannoon gaggeeffamu walabaa fi bilisa qofa osoo hin taane, injifatamanii taayitaa laachuuf of qopheessuunis barbaachisaa jedhaniiru.
Mootummaan filannoon demokraatawni akka gaggeeffamu kutatee hojjechaa jiras jechun gaafiilee ka'aaniif debbii kennaa jiru.