Dhaloonni kuni kan rakkoo furu ta'uu qaba - Obbo Shimallis Abdiisaa

70

Mattuu /TOI/  Onkoloolessa 10/2012 Dhaloonni kuni kan rakkoo furu ta'uu qaba jedhan itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.  

Obbo Shimallis Abdiisaa Marii hawaasa magaalaa Mattuu fi naannawaashee waliin taasisaniiru.

Mootummaan bakka dammi itti oomishamee gabaa addunyaafi biyya keessaafi ta'uu danda'u keessatti qophaa'u taasisuuf ni hojjetas jedhaniiru.

“Oromiyaan Lixaas galaana dammaa ta'uu danda'uutu irra jiraata” jedhaniiru obbo Shimallis.   

Dhaloonni kuni Kan rakkoo odeessu osoo hin ta'iin kan hojjetee rakkoo furu ta'uu qabas jechun dubbataniiru.    

“Osoo bosona Uumamaa addunyaafi bu'aa buusuu danda'u qe'ee keenya jiruu, laggeen gurguddaa osoo bonaa ganna yaa'anii biyyi keenya dammaa biyya alaarraa galchuun dhaabbachuu qaba” jechuun ergaa dabarsanii jiru.   

Bunni haala boodatti hafaa ta'een oomishamaa jirus kara ammayyaawaan saayinsiin deeggaramee kan dulloome gamashamee sanyii fooyya'aan bakka buusaa deemuurratti hojjetamuu akka qabus hubachiisaniiru.

Pirojektiiwwan daandii godinaalee ollaafi aanaalee wal qunnamsiisanis ni hojjetamus jechun ummataaf waadaa galaniiru.

Carraa hojii uumuudhaafis mootummaan karoora hedduu qopheessuun hojjechaa akka jirus uummanni obsaan akka eeggatu eeran.  

“Bunni keenyas asumatti oomishamee gabaaf dhihaachuun qonnaan bulaan keenya kallattiin ofiin gabaaf dhiheeffachuu akka danda'uuf hojjetamaa jirutti gargaaramuuf waldaan gurmaa'uun fayyadamuu qabdu” jedhaniiru.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015