Addi Bilisummaa Ummata Tigraay waltti makamuu paartiilee ilaalchisee ibsi yeroo adda addaa kennu dogoggora.. ADWUI

89

TOI, Onkoloolessa 7/2012 Addi Bilisummaa Ummata Tigraay kanaan dura walitti makamuu leellisaa ture ibsi yeroo adda addaa kennaa jiru dogoggoraa fi fudhatama kan hin qabne ta’uu isaa  manni maree Adda Dimokiraatawa Warraaqsa Uummattota Itoophiyaa(ADWUI) ibse.

ibsi manni marichaa akka jedhetti Adeemsichi osoo hin xumuramin namoonni dhuunfaanii fi addichaan ibsi laatamu sirrii miti.

Ibsi mana marichaan kenname akka agarsiisutti ADWUI’n addummaarraa gara paartiitti ceesisuun yaa'ii dhaabbattummaa 5ffaa bara 1996 eegalee yaa'iiwwan gaggeeffamanirratti gaaffii ka'aa turedha.

Yaa'ii 11ffaa magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamerratti adeemsi hoji manee walitti makamuu xumuramee paartii cimaan tokko akka uumamu murtaa'un isaas ni yaadatama.

Addi Bilisummaa Ummata Tigraay kanaan dura walitti makamuu leellisaa ture har'a ka'ee mormituu ta'uudhan ibsi yeroo adda addaa kennaa jiru dogoggoraa fi fudhatama kan hin qabnes jedheera.

ADWUIn dhimmicha obsaan ilaalaa turus, kallattiirraa maquun ummatarratti burjaajjiin uumamaa waan jiruuf adeemsi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay  sirrii akka hin taane hubachuutu barbaachisaas jedhe ibisichi.

Yaada ofii bilisaan ibsachuun walmormuun wal amansiisun osoo danda'amuu naamusaa fi hojimaata ADWUItin ala gadi ba'anii ibsa kennuun dogongora akka ta’es ibsamee jira.

Walitti makamuuf kallattiin dhaabbattummaa yoo kaa'amu qorannaan akka gaggeeffamu dhaabbilee leellisan keessaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay tokko tures jedhameera.

Walitti makamuun qorannaan ega xumurameen boodas adeemsaa fi naamusa ADWUItin ibsama malee, fedhii garee tokkootin qofa kan murtaa'u miti.

Adda Bilisummaa Uummata Tigraay ibsa yeroo adda addaa kenneen walitti makamuun sirna federaaliizimii diiguun akka waan hundaa bakka tokkotti cafaquun humnaan bulchuu ta'etti ilaalchii fi ejjennoon ibsus dogoggora.

Walitti makamuu dhaaba siyaasaa akka feferaaliizimii diiguutti yaadni ka'us dogoggora kan jedhe ibsichi walitti makamuun ADWUI mirga, walqixxummaa, badhaadhina, demokraasii, tokkummaa biyyaa waan diigu hin qabu.

Walitti makamuun Adda Bilisummaa Uummata Tigraay dabalatee fedhii paartilee obbolaa hundaa waan turee, dhimmicha akka hooggansi haaraan, jijjiirramaa taayitaa ofiitif jecha dhiyeessetti ibsi ABUT kennuu bishaan hin kaasu.

Walitti makamuun hirmaannaa qixaa waloo fi paartilee tumsaa cimsuun, laafinaa fi qaawwa jiru hiikuun dimokraasii fi ijaarsa biyyaa, federaaliizimii sirrii dhugoomsas jedhe ibsi manni marichaa baase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015