Namichi Buna karaa seeraan alaa fe'ee deemaa ture adabame

99

Ambo, (TOI),Onkoloolessa 05/2012 Namichi Buna karaa seeraan alaa fe'ee deemaa ture hidhaa waggaa 3 fi qarshii 500 niin adabamuu isaa manni murtii aanaa Walisoo beeksise.

Murtiin kun kan darbe konkolaachisaa maqaan isaa Ashannaafii Zannabaa jedhamu irratti dha.

Pireezidaantiin mana murti aanaa walisoo obbo Waagaarii  Fufaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka jedhanitti himatamaan kun adabame fulbaana 16 bara 2012 ganama keessaa tilmaamaan sa'a 12:30tti konkolaataa ISUZU Kodii 3- 23556 A.A ta'etti Buna Qishira kuntaala 3 fe'ee osoo imaluu too'annaa jala ooleera.

" Namtichi kun Jimma irraa gara Finifinneetti deemaa osoo jiru dha magaalaa walisootti kan qabamees " jedhaniiru.

Manni murtii Aanaa Walisoos himatamaan yakka kana raawwachuu isaa waan qulqulleesseef  dhaddacha gaafa guyyaa 4/02/2012 ooleen himatamaan hidhaa waggaa 3 fi qarshii 500 niin akka adabamu itti murtaa’uu isaa himaniiru.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015