Namtichi meeshaa waraanaa seeraan alaa dabarsaa ture hidhaan adabame

61

  Mattuu,(TOI) ,Onkoloolessa 05/2012 Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Hurrumuutti namtichi meeshaa waraanaa seeraan ala dabarsaa ture hidhaa cimaa fi qarshiin adabamuu isaa abbaan Alangaa aanichaa beeksise.      

Itti gaafatamaan mana hojii abbaa alangaa aanaa Hurrumuu obboo Buzayyoo Mitikkuu akka jedhanitti himatamaan maqaan isaa Sayid Adam jedhamu konkoolaataa lakkoofsi gabatee isaa 00610 koodii 3 A.A ta’e magaalaa Mattuu irraa gara Finfinnee deemu meesha waraanaa dhoksee dabarsuuf osoo yaaluu qabamee jira jedhaniiru.   

Meeshaan qabames kunis meeshaa waraanaa adda addaa saddeeti fi  rasaasa shugguxii 82 ta’uu isaa obbo Buzayyoon dubbataniiru.  

Dhaddacha guyyaa kalleessaa ooleenis himatamaan kun hidhaa cimaa waggaa 2 fi ji’a 6 akkasumaas qarshii kuma sadiin  adabamuu isaa obbo Buzayyoon ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015