Kitaabni Yaada Ida'amuurratti Doktar Abiyyi Ahmadiin barreeffame Sanbata eebbifama

119

Finfinnee,/TOI/, Onkolooleessa 4/2012 Kitaabni yaada ida'amuurratti Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin barreeffame Sanbata Onkoloolessa 8 bara 2012 akka eebbifamu ibsame.    

Itti gafatamaan Seekiretariyaati Pireesii Waajjira Ministira Muummee Obbo Nugusuu Xilaahun eebbicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, kitaabni yaada ida'amuurratti Doktar Abiyyiin kan qophaa'e dha.   

Kitaabni kun afaan Oromoo, Amaariffaa fi Ingiliffaan kan qophaa’e akka ta’es ibsanii jiru.

Kitaabichi kooppi miiliyoonni tokko kan qophaa'e ta'uu obbo Nugusuun himanii, maxxansisaa dhaabbilee maxxansitoota biyya keessaa fi biyya alaatin qulqullinaan kan maxxanfamedhas jedhaniiru.     

Yeroo ammaas kitaabichi naannoolee hundumatti kan tamsa'e yoo ta'u Onkolooleessa 8 bara 2012 ni eebbifama jedhameera.

Kitaabichi Finfinnee dabalatee magaalota biyyattii kan akka Adaamaa, Hawaasaa, Jimmaa, Dirree Daawaa, Baahir Daar, Gaambeellaa, Asoosaa fi magaalota 20 keessatti sirni eebbasaa ni gaggeeffama jedhaniiru.     

Eebba biyya keessaa booddee biyyoota alaa Ameerikaa fi keeniyaatti sirni eebbaa kan raawwatamu ta’as jedhameera.   

Gatiin kitaabichaa qarshii 300 yoo ta'u, galiin gurgurtaa Kitaaba kanarraa argamus guutuummaa Guututti manneen barnootaa baadiyyaa keessa jiran kan ittiin babalatan ta'as jedhameera. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015