Dooktar Abiyyi Ahimad preezdaantii Fiinlaand Saawlii Niisiittoo waliin mari’atan

57

Finfinnee, (TOI), Onkololeessa 4/2012 Muummeen ministiraa Itiyoophiyaa Dooktar Abiyyi Ahimad preezdaantii Fiinlaand Saawlii Niisiittoo fi jila isaanii simachuun mariisisan.    

Faayidaa biyyoota isaanii kabachiisudhaan hariiroo Afrikaa fi Awurooppaa cimsuuf kan hojjetan ta'uus eeraniiru.  

Pireezdaantichi, Dooktar Abiyyi badhaasa Noobeelii nageenyaa bara Faranjootaa 2019 injifachuu isaanitiin baga gammaddan jedhaniiniru.   

Badhaasichi harka kudhan beekamtii, harka sagaltama ammoo nageenyaf  jabaatanii akka hojjetan imaanaa kan irra kaa'u ta'uu muummeen ministiraa dooktar abiyyi  ibsaniiru.  

Turtii isaanitiin hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu fi dameewwan tumsa barbaadan irratti mari'ataniiru.  

Waliitti dhufeenyi biyyoota lamaanii waggaa 60 ol  kan lakkoofsiise ta'uun beekame jira. 

Preezdaanti Saawlii Niisiittoo  kun kaleessa galgalaa ture daawwiif  Itiyoophiyaa kan galan.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015